FINFINNEE —
Ayaanni ID Al ADAHA (Arafaa) kan bara kuma tokkoo fi dhibba afurii fi afuritamii tokkoffaa (1441) guyya borii kabajamu sababa weerara Koronaatiif jecha kan namni gamtaadhaan taa’ee waliin kabajatu ta'uu akka hin dandeenye, Manni Maree Gumii Dhimma Islaama Itiyoophiyaa beekisise.
Ummanni Musliimaa ayyaana bara kanaa akkuma yeroo kaan baratame harka qalleeyyii gargaaruu fi walii tumsuun akka kabajatu waamicha dhiheesse.