Seera Tumtoonni Yunaaytiid Isteetes Walgahii Dhuga -Ba'insaa Robii Kaleessa magaala Waashingtan Dii Sii keessatti ggaggeessaniin biyyoota Afrikaa kanneen uffee sahaaraa gadii hanga tokko keessatti caasaaleen Demookraasii dhabamaa jiru.
Kun immoo dhiibbaa guddiina inni dinagdee, tajaajiila eegumsa fayyaa fi barnoota irratti qabaatu dubbatan.
Filannoo walabaa fi madaalawaa ta'e gaggeessuu dhadhabamuu, mirgii yaada ofii walaba ta'anii ibsachuu cabuun,mormiitoota siyaasaa kanneen mootummaa irratti gaaffii kaasan hidhuu akkasumas itti gaafatamtoodha gochuu,seerri akka hojii irra hin ollee gochuunn rakkoo mudatan keessaa ta'uun ibsamee jira.
Hogganoonni Afrikaa aangoo irra turuuf jecha seera, miraga walabummaan jiraachuu fi filannoo jijjiran biratti dhimmi filannoo gaggeessuu rakkoon isa mudachuu dhimma guddaa ta'uun ibsamee jira.
Guutummaa Gabaasa Maariyaamaa Diyaaloo ergite caqasaa.