Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Itiyoopiyaa fi Manni Maree Federeeshinii Wal ga’ii Shanaffaa kan Waggaa 6ffaa Geggeessee Jira 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Mootummaan Naannoo Tigraay Kana Booda Mootummaan Sirnaa Hin Jiru Jedhe 

Wal ga’iin shanaffaa fi wal ga’iin gamtaa kan waggaa 6ffaa kan mana maree bakka bu’oota uummataa fi mana maree federeeshinii har’a geggeessamee jira.

Paarlaamaan Itiyoopiyaa fi Manni Maree Federeeshinii Wal ga’ii Shanaffaa kan Waggaa 6ffaa Geggeessee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:52 0:00

Prezidaant sahilework zewdee haasaa baniinsaa geggessaniin dhimmootii hedduu ikaasuu dhaan waggaan xumurame kun akka biyyaatti milkaa’ina gaarii kan itti galmeessisne gama kaaniin immoo du’uun fi qe’ee ofii irraa godaanuun uummataa, walitti bu’iinsii fi qabeenyi manca’uun waggaa itti raawwate jedhan.

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed Nobeelii badhaafamuun ilaalcha Itiyoopiyaan addunyaa irratti qabdu beeksisuu keessatti qooda ol aanaa qabaateera jedhan. Waggaan xumurame kun rakkoo akkaataa hojii kan qabu ture hidha laga abbayyaa sirraa’uun hojiitti kan seene, itiyoopiyaan dhiibbaa diplomaasummaa irra jiru dura dhaabattee jiraachuu ishee kan itti kabachiiste ture jedhan. Dinagdeen koronaan dadhabsiise, uummati biyyaaf yaaduu isaa utuu hin murteessin boondii bituu fi deggersi ka biroo kanneen godhaniifis deggersa qaban ibsaniiru.
Afaan yaa’iin mana maree federeeshinii Adam Faraah Waxabajjii 3 bara 2012 manni maree bakka bu’oota uummataa haala heerri eeyamu hordofee yeroo filannoo dheeresse jedhan. Haa ta’u malee gareeleen heeraaf hin ajajamnee fi gareeleen nagaa hin barbaanne, hojii uummata afaan faajjessuu hojjetaa jiru jedhan.

Kanneen keessaa tokko naanno Tigraay ta’uu kan ibsan obbo Adam Faaraah, sochii hanga ammaatti godheen naannoon sun heera biyyaa balaa irra buuseera jedhan. Filannoo raawwachiisuun hojii boordii filannoo ta’ee utuu jiruu adeemsas faallaa heeraa ta’een boordii filannoo hundeessuu dhaan qofaatti ba’ee filannoo geggeesse jedhan.

XS
SM
MD
LG