FINFINNEE —
Weerara Vaayirasii Koroonaa ilaalchisee dagannaa fi maal na dhibdeen hawaasni agarsiise tatamsa'ina dhibichaa babal'isaa akka jiru Ministarri Fayyaa Itoophiyaa Ibse.
Akka Daayirektarri Komunikeeshinii Ministeera Fayyaa Itoophiyaa Dr.Taganee Raggaasaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaatiif himanitti odeeffannoo har'aa osoo hin dabalatin lakkoofsi namoota dhibeen Kooviid 19 itti cimee jiru 300 gaheera.
''Qajeelfamni dirqisiisaa ture ka'eera, Koroonaan hin jiru jedhanii namoonni dhibee kanaaf of saaxilaa jiru. Garuu, qajeelfamni kun jira jedhan,'' Dr.Taganeen. Gabaasaa guutuu caqasaa.