Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Raashiyaa Gabaasa Mootummaan Hoogganaa Mormituu Summiin Ajjeesuu Yaale Jedhu Dhara Jedhan 


Faayilii - Prezidaantii Raashiyaa Vlaadimiir Putin
Faayilii - Prezidaantii Raashiyaa Vlaadimiir Putin

Prezidaantiin Raashiyaa Vlaadimiir Putin qorannaa sabaa himaa kan hoogganaa mormitootaa Alexii Navaalnii summiin kennamuufii isaaf kan itti gaafataman humnoota mootummaati gabaasa jedhu fudhatama dhabsiisan.

Tuuta oduuf ibsa waggaa kennaniin Putin gabaasi sun kan shiraa ti jechuu dhaan Navalniin haleellaan akkasii irratti raawwatamuuf nama hagas barbaadamu miti jedhan. Itti dabaluu dhaaniis himannaa dhaaba basaasa Yunaayitid Isteetis biraa deggersa argachuu isaas dubbataniiru.

Navaalniin ennaa balalii Raashyaa irra turan baatii Hagayyaa keessa dhukkubsatanii booda irra wal’aansaaf gara Jarmaniitti ergaman.

Puutin haasaa isaanii ar’aa irratti dhimmootii hedduu kan bulchiinsa Ameerikaa haaraa kan filatamaa prezidaantii Joo Baayiden illee dubbatanii jiran.

Putin akka jedhanitti jijjiirraan prezidaantii kan baatii Amajjii keessaa dhimmootii cimoo kan hariiroo Raashiyaa fi Yunaayitid Isteetis gidduu furuuf ni gargaara jedheen abdadha jedhan.

Bara 2017 keessa dhaabi tika nagaa Ameerikaa Putin prezidaant Doonaald Tramp filannoo prezidaantummaa akka injifataniif jecha dhiibba kaa’aniiru jedhamuun himataman. Putiin garuu jiddu seeninsa Raashiyaatu jira jechuun kan Yunaayitid Isteetis himatte irra deebi’uun haalaniiru.

XS
SM
MD
LG