FINFINNEE —
Itiyoophiyaatti boor ayyaana Gannii yokaan guyyaa dhalata Iyyesuus Kiristoos tu ayyaaneffama. Jaalbultii ayyaanaa kanatti gabaan magaalaa Fifinnee akkamitti akka oole gabaasaa argannee jirra.
Ka bakkawwan gabaa tokko tokko deddeemtee daawwatte, gabaastuun VOA – Tsahaay Daamxoo, gatiin mi’a tokko tokkoo ol ka’uu isaa fi kaan immoo gad-bu’uu isaa akka namoota gabaa bahan irraa dhageesse dubbatti. “Of eeggannaan Koovid 19 garuu, dagatamee jira,” jechuu isaaniillee gabaaste.