Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsii Namoomaa Guutummaa Tigraay Dhaqqabee Jira Jechuu Hin Dandeenyu: Amb Dinaa Muftii


Faayilii - dubbii himan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa, Ambaasaadar Dinaa Muftii
Faayilii - dubbii himan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa, Ambaasaadar Dinaa Muftii

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti haalli itti gargaarsii dhala namaa itti jiru kan ilaaleen oduu wal falleesuutu dhaga'amaa jira. Kanaafis jecha dubbii himaan ministrii dantaa alaa Itiyoophiyaa Kibxata kaleessaa ibsa tuuta oduuf kennan irratti gaaffin irra deddeebiin gaazexxessonnni kaasaa turan waa'ee gargaarsa Tigraay ture.

Tigraay keessatti gargaarsa namoomaa dhaqqabsisuuf daandilee cufaadha jedhu gazexxessonni. Ambaasaadar Dinaa Muftii garu kanneen fagoo irra jiran kana jedhan iyyu nutii garuu daandileen banaa dha jenna. Hagam banaadha? isa jedhuuf immoo guutummaatti jechuu hin dandeenyu jedhan.

Iddoo hanga tokko dhaqqabuun rakkisaa dha.Waa'een nageenyaas waaan jiruuf eegumsa jalatti ministeerrii nagaa fi jaarmayoonni adda ddaa kan gargaarsaa hojii gargaarsa raabsuu gaggeessaa jiru jedhan.

Dhuma torban dabrees Komishinarri olaanaan kan waa'ee baqattootaa Filiippo Graandee Tigraayiin daw'atanii aangawoota sadarkaa olaanaa waliin dubbachuu isaanii, carraa argatan kanaan gammaduu fi dhugaa jiru hubachuu isaanii ibsan Ambaasaaddar Dinaan.

Haariroon gara fuula duraatti bulchiinsa prezidaant Joo Baaydin waliin Itiyoophiyaan qabaattuu gaarii akka ta'u mallattoon agarsisuu jira jedhan.

XS
SM
MD
LG