Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishinerri Dhimma Baqattootaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Naaannoo Tigraay Daawwatan 


Faayilii - Komiishinera ol aanaa dhimma baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa, Filiippoo Graandee
Faayilii - Komiishinera ol aanaa dhimma baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa, Filiippoo Graandee

Duula waraanaa Kaaba Itiyoopiyaatti geggeessameee booda naannoo Tigraay walumaa gala Itiyoopiyaa kan daawwatan Komiishinera ol aanaa dhimma baqattootaa kan tokkummaa mootummootaa ennaa daawwannaa isaanii muummichi ministeerraa Abiy Ahimed itti aanaa muummicha ministeeraa Demeqee Mekonninii fi anagawoota biyyattii kanneen biroo waliin mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Komiishinerri Dhimma Baqattootaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Naaannoo Tigraay Daawwatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:54 0:00

Turti isaanii Tigraayiin immoo kanneen gamas jiranii fi mooraa baqattoonni Eertraa keessa qubatan daawwataniiru, baqattoota sanas dubbisaniiru.

Komiishinerichi xumura marii isaanii irratti ibsa marsariitii irratti kennaniin Itiyoopiyaan qooda Itiyoopiyaan baqattoota kunuunsuu dhaan qabdu tuquu dhaan ture.

Itiyoopiyaan tarii akkuma isin beektan, biyya michuu UNHCR barbaachistuu keessaa tokko. Biyya nuti kurna tokko waan ta’uuf keessaa hojjetaa turre. Itti dabalee immoo kurna kana keessatt biyya baqattoota miliyoonaan laka’amaniif dahata taate. Kanneen amma jiran kuma 800 ykn kuma 900 dabalatee. Kan nuti waggoota dheeraaf as turreefis kanaafi. Kana qofa miti. Itiyoopiyaan deggersa hedduu baqattootaaf gootu gama ilaaleen biyya akka fakkeenyaatti tuqamtu dha.

Sababa kanaafi muummichi ministeerichaa xumura bara 2019 Jenevaatti kan geggeessame dura teessota fooremii baqattoota kan sadarkaa addunyaa keessaa tokko akka ta’an afeeruuf xumuruma waggaa sanaa gara biyya kanaa kan ani dhufeef jedhan.

Kanaaf mootummaan Itiyoopiyaa seerawwan baqattoota fayyadan baasuuf hojii irra oolchuuf bu’aa inni buuse komiishinerichi yaadachiisaniiru. Kaayyoon dawwannaan isaanii miilanaa garuu Itiyoopiyaa keessa kanneen dahatanii jiran jiran baqattoota biyyootii hollaa miliyoona tokko ta’an keessaa kuma 46 ta’an keessa qubatanii jiran haala naannoo Tigraay waliin kan wal qabatee dha.

Akkuma kanaan illee gara naannoo Tigraayitti imaluu isaanii tuqaniiru. Turtii isaanii gamasii irraa ka’uu dhaan haalli namoomaa gamasii hedduu yaaddessaa ta’uu isaa ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG