Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Talaallii Kooronaa Vaayres Miiliyoona Tokkoo ol Gargaarsaan Argatte


Talaalii miiliyoona 1.2 keesaa kumi 400 ogeeyyii fayyaaf akka kennamutu ibsame
Talaalii miiliyoona 1.2 keesaa kumi 400 ogeeyyii fayyaaf akka kennamutu ibsame

Waajjirri ministeera fayyaa keeniyaa kaleessa galgala gosa talaallii Kooroonaa vaayressii Astiraa Zeenekaa miilliyoona 1.2 ol bifa gargaarsaan argateera. Harra ganama Prezdentiin Keeniyaa fi Ministirri Fayyaa keeniyaa talaallii biyyattiin argatte kana gara kutaalee bulchiinsaa Keeniyaatti erguuf sagantaa qophaayerratti argamanii jiru. Mutaahii Kaagwee; Ministirri Fayyaa Keeniyaa talaalliin kun dursa ogeeyyii fayyaatiif kennamaa jedhan.

Keeniyaan Talaallii Kooronaa Vaayres Miiliyoona Tokkoo ol Gargaarsaan Argatte
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:59 0:00

Kaagween, Keeniyaan biyyoota afriikaa dursa talaallii Kooronaa Vaayres argatan keessa tokko, raabsa isaatiifis biyyoota ardicharraa qophii gahaa taasisan keessaas tokko ta’uu eeran. Harras talaalliin lubbuu namootaa akka oolchu itti amaname kun kutaalee bulchiinsaa Keeniyaa 47’nuu maratti ergameera jedhan.

Kaagween akka itti talaalliin kun raabsamu fi kennamu yoo ibsan, talaallii miiliyoona 1.2 keesaa kumi 400 ogeeyyii fayyaaf akka kennamu himanii, kaan akka imaammanni fayyaa biyyattii kaayeen warra ni barbaachisa jedhameef laatama jedhan. Keeniyaan talaallii kamuu fudhachuuf qophii guutuu taasisuu himanii, eger talaalliin dabalataa gara biyyattiitti yoo seenu kutaa biyyattii kamittuu geessuuf meeshaalee ga’aan akka qophaa’anis ifoomsan.

Prezdent Keeniyaattaanis yoo talaalliin kun kutaalee Keeniyaa hedduutti ergamu qaamaan argamanii ilaalaniiru. Keeniyaattaan, mootummaan talaalliin gahaan akka gara biyyattii seenuuf akka hojjetu himanii, ka amma argame, dursa warra ogeeyyii fayyaaf, achii sadarkaa lammataan warra qaama nageenyaa fi sadaffoorratti ammoo barsiisotaaf kennama jedhan.

Talaalliin kun argamus ammas ummanni of eeggannoo dhukkuba kana to’achuuf labsame hojiirra akka oolchu Keeniyaattaan gaafatanii jiru.

Talaalliin Kooronaa Vaayres Keeniyaan harra argatte; UNICEF irraa bifa gargaarsaan kan argameedha.

XS
SM
MD
LG