Looltonni Itiyoophiyaa Wiixata kaleessaa magaalaa Doolow keessatti humnoota mootummaa Somaaliyaa irratti haleellaa “tuttuqqaa hin qabnee fi hin eegamne” raawwachuun, hojjettoota Somaaliyaa irratti du’aa fi miidhaan irraan ga’uu Somaaliyaan himachuu ishee ibsi ministeerri dhimma alaa baase ni mul’isa.
Ibsichi haleellaa loltoonni Itiyoophiyaa kaleess ganama sa’aatii 4tti iddoowwan humnoota mootummaa Somaalee Doolow keessatti argaman sadii haleeluu himate.
Akka qondaaltonni olaanoon Somaalee Doloow irraa dubbatanitti Namootni ajjeefaman sadan hundi loltoota mootummaa Somaaleeti. Loltoonni mootummaa Somaalee biroo 3, qaamoleen tikaa Jubaland sadii fi lammiin nagaa tokko madaa'aniiru.
Somaaliyaan wanti ta’e kun Labsii Ankaaraa ifatti cabsuudha jetteetti.
Doolow keessatti mootummaa Somaalee fi humnoota Jubaland gidduutti walitti bu'iinsi uumamuu isaa gabaafameera. Magaalattiin baayyinaan kan to'atamtu Komishinara aanaa magaalattii Mohaammad Huseen Abdii Laafeey kan walitti dhufeenya cimaa humnoota Itoophiyaa magaalattii keessa buufatanii waliin qabanii ti.
Jiraataan tokko loltoonni Itiyoophiyaa kan komishinara aanichaa “cina” ta’uu himate. Sagaleen Amerikaa walitti bu'iinsa Doolow keessatti mudate keessatti ga'ee loltoota Itoophiyaa maal akka ta’e madden wallaba irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Ityoophiyaan himannaa Somaaliyaa irraa dhiyaate haaltee, Itophiyaan ibsa Somaaliyaa kana irraa yaaddoo akka qabduu fi himannaan kun “dhugaa miti” jechuun falmiteetti.
Ityoophiyaan ibsa ministeerri dhimma alaa kenneen, taateen kun “qaamolee murtaa’oo hariiroo Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa karaa irraa maqsuuf yaadaniin kan ka’e” jetteetti.
“Qaamni sadaffaan kunneenn gaanfa Afrikaa tasgabbii dhabsiisuuf kan yaadan yoo ta’u, bara baraan nagaa naannichaa jeequu,” jechuun ibsichi dabalee ibseera.
Qondaalli olaanaa naannoo maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate dabalatee maddeen sadii (Somaaliyaa irraa) akka jedhanitti bulchaan naannoo kan hogganaa Jubaland muudame Doolow ga’us dhufaatii isaanii humnoota mootummaa federaalaa kallattii buufata xiyyaaraa irra jiraniin dhukaasa banuun mormaman.
Naannoon Jubaland ibsa baaseen loltoonni pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamud irraa “ajaja fudhatan” buufata xiyyaaraa, buufata poolisii fi waajjira muummee aanaa irratti haleeluu isaanii komate.
Ibsi wal faallessu jiraatus, ministiroonni de’etaan mootummaa naannoo Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa – Alii Omar fi Mesgaanuu Aregaa akkasumas hoggantoonni tikaa– Redwaan Huseen fi Abdullaahii Mohaammad Alii – Kibxata har’a Finfinnee keessatti marii adda addaa gaggeessanii jiru.
Bulchiinsa naannoo Itiyoophiyaa Kibbaa Godiina Koree aanaa Gorkaa keessatti Dilbata dabree haleellaa waraana Bilisummaa Oromoon gaggeeffame jedhameen, namoonni lama ajjeefamuu jiraattonnii fi maatiin isaanii sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Waajirri Nagaa fi Nageenyaa godiina koree aanaa Gorkaa hojii qonnaa irra kan turan namoonni nagaa ykn sivilonni lama, hidhattoota Oromiyaa godiina Gujii dhiyaa irraa daangaa ce’aniin ajjeefamuu beeksisee jira.
Kanneen haleellaan kun irratti raawwatamee keessaa tokko ahumatti kan du’e yoo ta’u inni lammaffaan hospitaala sadarkaa duraa Keelee eega geeffamee booda du’u isaa hospitaalli mirkaneessee jira.
Ajjeechaa kanaaf maqaa kan dhahamee fi kan himatamee waraana bilibummaa oromoof dubbii himaa kan ta’an obbo Jireenyaa Guddataa biree deebii argachuuf yaaliin taasiifame hin milkoofne jechuun Yonaataa Zabdiwoos Haawaasaa irraa gabaaseera
Forum