WASHINGTON, DC —
Humnoonni naga-eegumsaa Mootummaa – uummata Itiyoophiyaa naamusa-qabeessa ta’e irratti dhukaasu – kanneen jedhan – mormitoonni, kanatti kan gaafatamu hoogganoota siyaasaa mootummaa ta’uu hubachiisan.
“Gaaffiilee akkasii kanneen kaasan, kanneen sochiiin shororkeessummaa sun to’annaa jala oolfamuun itti hin tolle” – jedha – Mootummaan Itiyoophiyaa immoo.
Sochiilee mormii naannoolee Itiyoophiyaa adda addaatti geggeessame irratti tarkaanfiilee fudhatamanii fi namoota ajjeesaman ilaalchisee, gama adda addaan dubbiin itti fufee jira. Gabaasaa Eskindir Firew --- Jaallannee tu dhiheessa.