Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amnestii Internaashinaal: Tarkaanfileen Mootummaa Itiyoophiyaa Rakkoo Jiru Daranuu Hammeessa  


Amnesty International USA
Amnesty International USA

“Tarkaanfiin irree-cimaan Mootummaa Itiyoophiyaatiin fudhatamaa jiru eega mormiin Sadaasa bara 2015 biyyattii keessatti jalqabe irraa kaasee rakkoo biyyattii keessatti uumamee fi haga ammaa lubbuu namoota dhibba saddeetii olii galaafate daranuu hammeessa” – jedha – Amnesty Internaashinaal ibsa kaleessa baaseen.

Mootummaan Itiyoophiyaa labsii yeroo hatattamaa biyyattii keessatti labsetti fufuudhaan, qajeelfamoota uggurawwan bal’aa baase ilaalchisuudhaan ibsa kana baase – Gareen mirga dhala-namaa ka sadarkaa Addunyaa kun.

Labsiin sun, ajaja mana-murtii malee hidhuu fi tarkaanfiilee ka biroo fudhachuu akka ehamu kan dubbate – ibsi Amnesty internashinaal kun, “tarkaanfiileen akkanaa duraanuu fudhataman, hiriirtoota qabanii mooraalee waraanaa keessatti hidhuudhaan, akka isaan maatii fi abukaatoolee seeraa isaanii wajjiin wal-arguu hin dandeenye taasisee jira” – jedha.

Itiyoophiyaa keessatti, haga ammaatti, namoota du’an ilaalchisee – ragaa dhaabbatni isaanii qabu gaafatamanii, akkana jechuun deebisan – qorataan mirga dhala-namaa, kan Ammestii Internashinaal – Fiisehaa Teklee.

“tarkaanfileen yeroo hatattamaa kun akka malee hamoo fi hiddha-bal’ifatoo, kanneen mirgawwan dhala-namaa haala yeroo hatattamaa keessatti tahe ugguramuu hin qabne irratti sodaa guddaa uumanii jiran!” jechuun ibse – Amenstii Internaashinaal ibsa kaleessa baase sanaan.

Tarkaanfiileen kun, sababaalee mormii waggaa tokkoof argine kana kakaasan, kanneen roorroo dhiittaa mirga dhala-namaa yeroo dheeraaf ture irraa maddan daranuu gad-fageessee hammeessa malee furmaata hin ta’u, ka jedhu – ibsi – Amnestii internashnaal, roorroolee dhaga’aman kana Mootummaan tarkaanfii akkanaan otuu hin taane karaa sirna-qabeessa taheen furmaata itti kennuu akka qabu hubachiisa.

“Tarkaanfiin adabbii daran fudhatamuu fi dhiittaa mirga dhala-pnamaa, haala jiru daranuu hammeessa malee furmaata hin ta’u!” jechuun hubachiisa – Gareen mirga dhala-namaa, ka sadarkaa Addunyaa – Amnestii internashinaal.

Gabaasa guutuu dhaggeeffachuuf kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG