Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormitoota Itiyoophiyaa Kamiyyuu Biyyi Kiyya Deggertee Hin Beektu, Jedhu Prezidaantiin Masrii


Pireezdaantii Masrii, Abdil Fattaah
Pireezdaantii Masrii, Abdil Fattaah

Sochii Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamu keessatti biyyi isaanii mormituu kamiyyuu ka deggertee hin beekne ta’uu, prezidaantiin Masrii Abdel-Fattaah Al Sisi beeksisanii jiru.

Prezidaant Alsisiin Televiiziyoona biyya isaanii tokkoof akka ibsanitti, biyyi isaanii Itiyoophiyaa irratti shira tokko iyyuu kan hin hojjenne ta’uu hubachisan.

Obboloota keenya kan Itiyoophiyaaf paarlaamaa isaanii fuul-dura dhaabadhee akkuman ibseetti, nuti walitti-bu’iinsa caalaa wal-ta’uu filachuu keenya akkuman dubbadhee ture har’as kanuman mirkaneessa jedhan ibsa kaleessa kennan kanaan.

Prezidaantiin Itiyoophiyaa Mulaatu Teshomee torban kana paarlaamaa isaaniif hasawaa dhageesisaniin Adda Bilisummaa Oromoo fi Ginboot 7tti dabalee dhaabatooti mootummaa Masrii muddama Itiyoophiyaa keessaa hammeessan, jechuun himachuun isaanii ni yaadatama.

Qaamooti dhimmi kun ilaallatu marti kan dubbatan immo Wixata fudhannee dhiyaanna.

Gabaasa sagalee dhaggeeffadha

XS
SM
MD
LG