Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareeleen Mormituu Komiishinera Tokkummaa Mootummootaa Waliin Mariif Gad Taa’an


Mormituu Komiishinera Tokkummaa Mootummootaa Za'iid Huseen gazeexeesitootaf ibsa yeroo kennu, Finfinnee, Kamisa, Caamsaa 4, 2017
Mormituu Komiishinera Tokkummaa Mootummootaa Za'iid Huseen gazeexeesitootaf ibsa yeroo kennu, Finfinnee, Kamisa, Caamsaa 4, 2017

Daawwannaan komiishinera ol anaan mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa Zaid al Huseen kaayyoon isaa bakka bu’oota mormitootaa fi mootummaa waliin mari’achuus of keessa qaba.

Paartii biyya bulchu IHADEGn dabalatee paartilee mormitootaa 11 mariin walitti fide geggeessameera.

Marii kanaanis waggoota darbanii jalqabee hamma yeroo dhiyootti kan jiran dhimootiin mirga namaa ka’uu isaa semayawi paartii bakka bu’uun kan hirmaatan itti gaafatamaan quunnamtii alaa obbo Abbebee Akaaluu ibsaniiru.

Yaadawwan cimoo ka’an keessaa bara bittaa IHADEG keessatti dhiittaan mirga namaa geggeessaman itti fufuu isaanii fi amma immoo waggaa darbee qabee biyyattii keessatti jeeqama uumameen namoonni bakka adda addaatti hidhaatti hidhamanii dararaa hamaan akka irra ga’aa jiru, waltajjiin siyaasaa akkaan dhiphachuu isaa, bulchiinsi gaarii mootummaa hammaataa adeemuu keessumaa malaammaltummaan hanga mootummaan to’achuu dadhabutti ga’uu isaa ennaa ibsinu bakka sana kan turan bakka bu’aan IHADEGis kana amananii komiishnicha duratti amananiiru.

Malaammaltummaan hedduu rakkisaa itti ta’uu isaaf ittiin wal qabaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Marii sana irrattis kan ka’ee keessaa IHADEG yeroo mara dimokraasiin reefuu jalqaba hin guddanne nuun jedha. Waggoota 25 keessatti yoo xiqqate jijjiiramni xiqqoon illee argamuu qaba yaada jedhu irratti fuuleffannee marii geggeessine.

Rakkoon bulchiinsaa fi Imaammati IHADEG faana bu’e biyyattii gara jeequmsaatti geessaa jira kan jedhu irratti fuuleffanne jedhan

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Gareeleen Mormituu Komiishinera Tokkummaa Mootummootaa Waliin Mariif Gad Taa’an
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:31 0:00

XS
SM
MD
LG