Musleemonni guutuummaa addunyaa irratti har’a Ayyaana Eid Al Adhaa kabajaa jiru.Kanneen Miliyoona 2 ta’an immoo bakka qulqullitti musleemootaa ka taate Makkaatti imaluun kabajaa jiran.Musleemonni kuma kurna hedduun gara masjiida Namira kan tulluu Araafaat isa magaalaa Makkaan ala jiruutti ol ba’an.Iddoon kun lafa Nabiiy Mohammad yeroo dhumaaf barnoota amantii Islaamaa itti barsiise jedhama.
Ho’ii iddoo Sanaa hamaa kan Digrii seentiigreedii ( seelshiyees) 40 waan ta’eef amantoonni agoobara mata irra qabatanii mul’atu.Televiziyoonni Saa’udii akka agarsiseetti amantoonni wuccuu adii uffatan kun hedduminni isaanii galaana fakkaata jedhe.
Kutaa Yunaaytiid Isteetes kan Minisootaa magaalaa Seent Pool jedhamtu keessa kan jiru Toohid Islaamiik seentariif Imaama kan ta’an Sheek Abdirrahiim Ahmad Doyyoo ayyaana har’a kana ilaalchisee ibsa nu kennanii jiran.
Gaaffii fi Deebii gaggeeffame caqasaa