WAASHINGITAN, DIISII —
Rakkoo nageenyaa Naannoo Beenishaangul Aanaa Maa’oo Koomootti dhaqqabeen qe’eesaaniirraa ka buqqa’anii turan dhalattoonni Oromoo kuma sadii qe’eetti deebi’famuu Aanaan Begii beeksise. Itti Gaafatamaan Waajjira Dhimma Nageenyaa Begii Obbo Haruun Beqqelee, namoota qe’eerraa buqqa’an kana Angawoota Aanaa Maa’oo Koomoo waliin mariyatanii akka ofirra deebisan dubbatan. Namootni gara ganda isaaniitti ofirra deebi’an garuu ammaa Aanaa Maa’oo Koomoo keessa nageenyi guutuun hin bu’in akka jiru dubbatu.
Galmoo Daawit dabalata qaba.