Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Balaliin Isaa Gara Naayiroobii "Danqamuu" Beeksise


FAAYILII - Imaltoota xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa irraa bu'anii terminaalii keessa darbaa jiran,Xiyyaaraa Idil-addunyaa Naayiroobii Joomoo Keeniyaattaa, Naairoobii, Guran. 6, 2020.
FAAYILII - Imaltoota xiyyaara Daandii Qilleensaa Itoophiyaa irraa bu'anii terminaalii keessa darbaa jiran,Xiyyaaraa Idil-addunyaa Naayiroobii Joomoo Keeniyaattaa, Naairoobii, Guran. 6, 2020.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balaliin isaa gara magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii “danqamuu” beeksise. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Roobii harraa miidiyaa hawaasummaa, X irratti maxxansa baasen balaliin addaan cituu isaaf Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Naayiroobii Joomoo Keeniyaattaatti “lagannaan hojii hojjattootaan itti fufee jirachuun” sababa ta’uu ibse.

''Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa jeequmsaa fi rakkina uumameef dhiifama gaafanna,'' jedhas barreeffamni bahe. Sababni mormii hojjattoota buufata xiyyaaraa waliigaltee mootummaan Keeniyaa buufata xiyyaaraa dhaabbata Hindii tokkoof kireessuuf karoorfate ta’u miidiyaaleen Keeniyaa gabaasaniiru.

Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Joomoo Keeniyaattaa Baha Afrikaa keessatti eddugala geejjibaa guddaadha.

Forum

XS
SM
MD
LG