Kan mana hidhaa jiran, dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo – Dr. Marararaa Guddinaa har’a masaa afuraffaaf mana-murtiitti dhihaatanii, seeraan himannaan itti banamee jira. Akka Abukaatoon Dr. Mararaa Obbo Wandimmuu Ibsaa jedhanitti, galmee Dr. Mararaa irratti kanneen himatamaan ka biroon, hoogganaa Arbenyooch-Ginbot 7 – Dr. Birhaanuu Naggaa, Daarectara Ol’aanaa OMN, Obbo Jawaar Mohaammad, Dhaabbatoota Televiisiyoonaa ESAT fi OMN ta’uun beekamee jira.
Himannaan Dr. Mararaa irratti dhihaateef kanneen akka ragaatti kennaman, haasawa isaan walga’ii Waldaa Qorannoo Oromoo irratti godhan, xalayaalee fi ii-meelii isaan waggoota afuran dabraniif namoota fi dhaabota adda addaa wajjiin wal-jijjiiranii fi ka biroo akka tahe ka dubbatan – Obbo Wandimmuun, sanas tahe himannaalee sana keessa shororkeessummaan akka hin jirre beeksisanii jiran.
Obbo Jawaarii fi OMN, akkasumas, Dr. Birhaanuu fi ESAT irratti garuu, addatti, himannaan shororkeessummaa dhihaatee jira – jedhu.
Gaaffii fi deebii guutuu Obbo Wandimmuu Ibsaa waliin geggeessame kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa