Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa ibsa kennan


Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa, Ambaasadar Diinaa Muftii
Ministeera Dhimma Alaa Itiyoophiyaa, Ambaasadar Diinaa Muftii

Dhaabatta mootumoota gamtoomanitti manni maree nageenyaa hidha laga Abbayyaa ilaalchisee wal gahii dheengadda taasise dubbi himaan ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa qeeqqaniiru.

Ibsa midiyaaleedhaaf kenname irratti Ambaasadeer diinaa Muftii akka jedhanitti walgahiin manni maree nageenyaa dhimmaa lagga abbayya irratti yeroo sadaffaadhaaf taasise gaaffii biyyi Tuuniziyaa irraa dhiheesiteen Yemuu ta’u, prezidaantiin mana mareechaa Itiyoophiyaan, Masire fi Sudaan gamtaa Afrikaa jalatti marii isaanii akka itti fufan gaafachuu isaanii ibsaniiru.

Waldhabiinsa biyyoottan sadan gidduu jiru marii gamtaa Afrikaa jalatti taasifamuun hiikun ejjannoo Itiyoophiyaa akka ta’e kan dubbatan Ambaasadar Diinaan , waliigaltee dirqisiisaa waan jedhamuu Itiyoopiyaan Akka hin fudhanne ibsaniiru.

Ambaasadar Diinaan dabalanii akka jedhanitti dhimmoottan mana maree nageenyaa irratti ilaalamuu qaban warreen nageenyaa adduunyaatiif yaaddesaa ta’aniidha. Dhimmi biyoottan sadanii dhimmaa bishaaniti , dhimmaa misoomaati dhimma kana kan ajaandaa qabsiisftee Tuniziyaadha . Tuniziyaan ajaandichaa mana maree nageenyaatti dhiheesuun irra hin turre kan jedhan ambaasader Diinaa Muftii dhuma irratti dhimmchii sadarkaa Afrikaatti akka ilaalamuu murtaa’uun isaa garii ta’u isaa ibsaniiru.

Karaa biraatiin itti aanaa muummee ministeeraa fi ministeeraa dhimma alaa Demokiraatiik Repabilick Koongoo Kirstoofeer Utundulaa garaa Finfinneetti imaluudhaan, itti aanaa muumee ministeeraa fi ministeeraa dhimmaa alaa Itiyoophiyaa Demeqee Mekoninii wajjiin marii taasisuu isaanii gabaasin kenedii Abaatee qindeesse kun ibseeraa.

Demokraatiiki Repabliik Koongoon yeroo ammaa duraa teessuu gamta Afriikaa yemmuu taatu, marii biyyoottan sadan hidha laga Abbayyaa irratti taasisanus kan hoggantu ta’uun ishee hin beekama.

XS
SM
MD
LG