Xurree ittiin seenan

Breaking News

Giddu-galli Odeeffannoo Eedsii Dhabbatni Misoomaa Sadarkaa Addunyaa Ameerikaa (USAID) Harkaa Gara Mootummaatti Darbe


USAID, gara funduraattis hoojiiwwan eegumsa fayyaratti xiyyeeffatan deegaruu akka itti fufu himameera.
USAID, gara funduraattis hoojiiwwan eegumsa fayyaratti xiyyeeffatan deegaruu akka itti fufu himameera.

Dhabbatni misoomaa sadarkaa addunyaa (USAID), Yunivarsiitii Joon Hoopkiins wajjin ta’uudhan Projectin dhukkuba Echaayivii (HIV) irratti odeeffannoo fi tajaajiila addaa addaa kennu hogganaa ture, guyyaa harraa karaa Ministirri Eegumsa Fayyaatin mootummaa Itoophiyaatti dabarse.​

Itoophiyatti daayireektarii ergama USAID, Beenzi Weeler,
Itoophiyatti daayireektarii ergama USAID, Beenzi Weeler,

Itoophiyaatti Daayireektariin ergama USAID, Beenzi Weeler, giddu galli odeeffaannoo fi gorsaa kun oggaa lamaan darbee hojjachaa haa turu malee, Ameerikaan oggoota 14 darbaniif tataaffi Echaayivii balleessuu dha godhamaa turee irratti Itoophiyaa wajjin hojachaa turuu shii ibse.

Tajaajila gidu-galli kun kennu keessa tokko, kutaa ‘hotline’ jedhamu han namoonni odeeffanoo fi gargaarsa waayee dhukuba HIV irratti barbaadan bilbilanii itti gafatani. Kutaan kun ji’atti gara nama kuma 300 irraa itti bilbilama.

Tajajilli akkanaa kun bu’aan isaa guddaa wan ta’eef hojiinsaa akkuma itti fufu qabus daayreekariin USAID yadachiisera

Sirna furaa wal-harkaa fudhuu iraati han argame ministir di’eetaan Ministirii Eegumsa Fayyaa Itoophiyaa, obbo Kabadaa Warquu kara isaatiin, jojiin giduu galli kun hojjachaa ture akka haala addan hincineen hooggansa mootummaa jalatti itti fufu ibseera.

Gara funduraattis USAID hoojiiwwan eegumsa fayyaratti xiyyeeffatan deegaruu akka itti fufu himameera.

Giddu-galli Odeeffannoo Eedsii Dhabbatni Misoomaa Sadarkaa Addunyaa Ameerikaa (USAID) Harka Gara Motummaatti Darbe
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:42 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG