ADAAMAA —
Jiraattoni godina Harargee Lixaa kan gaafane geggeessa haala qabatamaa naannichaa beekee rakkoo keessaa nu baasu malee dhimma naannumaa hin kaasne jedhan.
Manguddoni godinichaa guyyaa hardhaa I/A Preezdaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa Adde Xayyibaa Hasan waliin mari'achuun isaanii fi guyyaa boriif ammo dargaggota waliin mariin beellamamuu isaa himamee jira.