Gaazexeessaa Guyyoo Waariyoo, bara 2018 irraa qabee Oromiyaa Miidiyaa Neetwoorki (OMN) irratti sagantaa dhimmoota siiyaasaa irratti xiyyeeffatan dhiheessudhan beekkama. Bara 2020, Artiist Haacaaluu Hundeessaa ajjefamuu dura yeroo dhumaatii gaafii fi deebii isa wajjin geggeesse. Namoota tibba san hidhaman keessaa tokko tures, Guyyoon. Booda garuu manni murtii mirga wabiitin mana hidhaatii akka bahu murteessee. Yeroo ammaa kana nageenya isaatii sodaatee karaa daangaatiin biyyaa bahee biyya ollaa keessa jiraachuu isaa dubbate.
Taateewwan keessa darbe jedhe irratti Guyyoo waliin marii goonerra.
Dhimmuma kana irratti gama mootummaa irraa Abbaa-alangaa Itti-aanaa Obbo Fiqaaduu Tseggaa fi Waajjira Koomishinii Poolisii Federaalaa irraa Obboo Jeeylaan Abdiis dubbisnee jirra.
Gabaasa Guutuu caqasaa.