Xurree ittiin seenan

Breaking News

Liibiyaatti Haleellaa Yunaaytid Isteetsiin Loltoonni ISIL Gara 80 Ajjeefaman


Liibiyaatti Haleellaa Yunaaytid Isteetsiin Loltoonni ISIS 80 Ol Ajjeefaman
Liibiyaatti Haleellaa Yunaaytid Isteetsiin Loltoonni ISIS 80 Ol Ajjeefaman

Xayyaaronni B-2 Boombii harcaasanii fi xayyaaronni waraanaa nama of keessaa hin qabne ka Yunaayitid Isteets --- maadhee garee fiinxaaleyyii Islaamummaa, ka biyya Siiriyaa magaalaa Sirte irraa kiiloo-meetira 45 fagaatuu kaleessa haleeluu isaanii, aangawaan Ministara Ittisaa Yunaayitid Isteets beeksisanii jiran.

Shororkeessota ISIL haleellaa kun itti xiyyeeffate keessaa gariin isaanii – kanneen magaalaa Sirtee irraa gara gammoojjii sanatti dheessanii, deebisanii of gurmeessuu yaalaa turan tahuu ka dubbatan – dubbi-himaan Pentaagoon – Piiter Kuuk --- “biyya Liibiyaa, biyyoota naannoo sanaa fi Yuunyaayitid Isteetsiif kanneen bala’amoo ta’an” jedhan.

Akka aangawaan waraanaa Yunaayitid Isteets kun jedhanitti, xayyaaronni Yunaayitid Isteets, mooraalee fiinxaaleyyii Islaamaa lama haleelan.

Waraanni Yunaayitid Isteets, bu’aa haleellaalee sanaa xiinxalaa jira – kan jedhan – Kuuk, xiinxalli duraa akka agarsiisuutti haleellaan sun milkaawaa ta’uu dubbatan.

Haleellaalee sanaan hidhattoonni ISIL kurna hedduun ajjeesamuus dubbatanii jiran.

XS
SM
MD
LG