Prezidaantiin yunaayitid Isteets Joo Bayiden ergaa filatamanii as yeroo jalqabaatiif Prezidaantii chaayinaa shiin Jiinping waliin kallatiidhaan karaa toora marsaaritii marii taasisaniiru.
"Aduunyaa dhaa fi saba keenyaa Itti gaafatamumaa qabnaa," kan jedha Joo Bayiden, waa’e mirga namoomaa, waa’ee wal dorgommii diinagidee, fi waa’ee chaayinaatiif dhimmaa taayiwaan irrati prezidaantii chayinaa wajjin marii taasisuu isaanii ibsii waayit haawus irraa bahee beekisuseera.
Marii saa’tii sadii ol fudhate kana irratti, prezidaant Baayideb U.S fedhiidhaaf Dudhaa isheetiif dhaabachuu akka itti fuftuu dubbatanii jaarraa 21ffaa ti sirnni adduunyaa bilisa, banamaa, kan loogii hin qabnee akka ta’uu qabu dubbachuu isaanii waayiit haawus ibseera.
Akka ibsii waayiit haawus dabalee jedhetti "U.S imaammata chaayiinaa nidegerti. Fedhii chaayinaan Taayiwaaniin umnaan dhuunfachuu qabdu jabeessitee mormiti."
Dhimmaa Taayiwaan ilaalchisee Ministeerri dhimmaa alaa chaayinaa gamaa isaatiin ibsa kenneen U.S Umnootaa Bilisummaa Taayiwaaniif falmanuuf ergaa dogogoraa dabarsuu dhaabuu qabdii jedheera.
Haanga’aa gameessi bulchiinsaa mootummaa U.S tooko akka jedhanitii, mariin hogantoon lamman taasisaan saa’tii tilmaamee ol dheeraa akka ta’e himaniiru.