Hooggantoonni Biyyoota Eriitiriyaa, Somaaliyaa fi Masirii Asmaraatti wal ga’ii biyyoota sadanii gaggeessaa jiru. Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeyik Mohaammudii fi Kan Masirii Abdel Fettaah Al- Siisii affeeraa Pireezidaanti Eritiiriyaan Asmaraatti argamu.
Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeyik Mohaammud Roobii kaleessaa magaalaa Asmaraa kan seenan yommuu ta’u , Pireezidaantiin Masirii Abdel Fattaah Al-siisiimmoo Kamisa har’aa Asmaraa kan ga’an. Ministirri Odeefaannoo Eritiriyaa Yemaanee G/ Mesqel fuula miidiyaa hawwaasaa ‘ X” irratti akka maxxansetti hooggantoonni biyyoota sadeenii walittidhufeenya biyyoota sadanii fi haala nageenyaa fi tasgabbii naannichaa irrattis marii ni taasiisu. Pireezidaantiin Masirii ministira nagaaneya biyyaaleesaa, hoogganaa Kaabinee Pireezidaantii fi ministira haajaa alaa isaanii waliin Asmaraa seenaniiru jedhanii Pireezidaanti Isaayyaas Afeewarqiiniis simatamaniirus jedhaniiru.
Hooggantoonni biyyoota lamaanii guyyaa har’aa addatti walitti dhufeenya fi fedhii waloo biyyoota lamaanii irrattis marii taasisuuf karoora qabus jedhaniiru. Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeyik Mohaammud Roobii kaleessaa Asmaraa kan ga’an galagarra waan waloo biyyoota lamaanii irrattio Pireezidaanti Isaayyaas waliin marii’achuu fi abbaa biyyummaa, daangaa , walabummaa fi tokkummaa Somaaliyaa eegsiisuu iarratti marii’achuu kan ibsan Yemaaneen dhaabbilee ittisaa fi nageenyaa biyyaa ijaaruu irratti dubbataniiru jedhaniiru.
Forum