Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa'el Har'a Gaazaa Irratti Haleellaa Geggeesitee Jirti


FAAYILII - Hogganaa Hamaas Yahiyyaa Sinwaar hiriira Israa'el mormuuf bahame irratti, Gaazaa, Onk. 1, 2022.
FAAYILII - Hogganaa Hamaas Yahiyyaa Sinwaar hiriira Israa'el mormuuf bahame irratti, Gaazaa, Onk. 1, 2022.

Israa’el waggaa tokkoof Hamaas cabsuuf waraana gaggeessiteen hogganaa isaa Yahyyaa Sinwaar eega ajjeeftee booda, Jimaata har’a Gaazaa irratti haleellaa geggeessitee jirti. Muummichi Ministeeraa Israa’el Beenjaamin Netaniyaahuun ajjeefamuu Sinwaar kan jajatan yoo ta’u, waraanni haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 raawwatee hin xumuramne jechuun garuu kun “jalqaba isa dhumaati” jedhan.

Seenaa Israa'el keessatti haleellaa lubbuu namaa galaafate kan qopheesse Sinwaar ajjeefamuun ''bulchiinsii hamaan ka Hamaas kufaatii keessa jiraachuu isaaf mallattoo barbaachisaa'' jedhan. Yeroo haleellaan kun raawwatame sanatti hogganaan Hamaas kan Gaazaa, Sinwaar, ji'a Adoolees keessa hogganaa siyaasaa isaa Ismaa'il Haniyeh erga ajjeefamee booda hogganaa waliigalaa garee hidhattootaa ta'ee ture.

Prezidaant Joo Baayiden Kamisa kaleessaa duuti Yahya Sinwar Israa’elii fi Falasxiinota gidduutti carraa “tasgabii siyaasaa” fiduu ta’uu ibsaniiru. Baayiden ibsa kana kan kennan Humni Ittisaa Israa’el Onkoloolessa 7, 2023 haleellaa shororkeessummaa Hamaas Israa’el irratti raawwate kan qopheessee fi duula haaloo ba’uu Israa’el waggaa tokkoof Gaazaatti geggeessaa turteen Sinwar ajjeesuu isaanii erga beeksisee yeroo muraasa booda.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG