Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humni Waraanaa Israa’eel Gaazaa keessatti Haleellaa Hamaas Irratti Qiyyaafate Raawwadhe Jedhe


Manoota Haleellaa Israa'eliin barbadaahan, Gaazaa, Onk.7, 2024.
Manoota Haleellaa Israa'eliin barbadaahan, Gaazaa, Onk.7, 2024.

Haleellaa Hamaas gama Kibba Israa’eel irratti raawwate waggaa tokko kan guutee fi waraanni naannichatti akka ka’uuf sababa kan ta’e amma immoo Libaanoon keessattis waraanni jalqabamuu isaa hordofee nageenya naannicha balaa keessa buuseera. Hamaasis gama isaan Wiixata har’aa magaalaa Tel Aviiv dabalatee nannoolee daangaa kibba Israa’eel irratti halleellaa Rookkeettii raawwachuu ibseera. Tel Aviiv fi Israa’eel gidduu galeessaa keessatti sagaleen Akeekkachiisa Saayireenii Rookkeetoota Gaazaa irratti furguggifaman irratti deebii kennuuf dhaga’amaa tureera.

Humni waraanaa Israa’eel haleellaawwan garee milishaa Heezboollaa irratt qiyyaafatan Beeruutr, Kibba Libaanoonii fi sulula Biikaa keessatti raawwachuu yommuu ibsu halellaa Rokkeettii Heezboollaan magaalaa Hayifaa kan Kaaba Israa’eelitti argamutti taasiseenimmoo namoonni hanga 10 ta’an madaa’aniiru.

Haleellaan Hamaas gaafa Onkolooleessa 7 bara 2023 Israa’eel raawwachuun lubbuu namoota 1200 galaafate har’a waggaa tokko kan guute yommuu ta’u , Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Joo Baayiden Wixata har’aa yaadannoo waggaa tokkoffaa haleellaa Sanaa akka taasisaniif miidhamtoota haleellichaaf sirna dungoo ibsuus ni taasisu jedhe Waayit Haawuus.

Baayideen Ibsa Wiixata har’aa ganama baasan keessatti Onkoloolessi 7 uummata Paaleestiiniif akka guyyaa dukkanaatti yaadatama, sababii guyyaa sana Hamaas waraanni kun akka ka’uuf sababa ta’uu isaan jedhanii Walii galteen waraana dhaabuu taasifamee namoonni Gaazaa keessatti ukkaamfamnaii jiran gara mana isaaniitti hanga deebi’anitti, gargaarsi namoomaa namoota miidhamaniif akka qaqqabuu , nageenyi Israa’eel akka irkanaa’uu fi waraanichatti xumura taasiisuun hanga galmaan ga’utti irratti hojjechuu hin dhaabnus jedhaniiru.

Ministirri humna waraanaa Israa’eel Yoo’aav Galaant Wiixata har’aa kana akka beeksiisanitti kanneen ukkaamfamuun Gaazaa keessa jiran nagaan gara mana isaaniitti deebi’aniif waan godhamuu qabu hunda goonee akka deebisnu uummata Israa’eef mirkaneessa jedhanii yeroo ammaa isa yeroo kamiiyyuu caalaa dinota keenya kuffisuuf tarkaanfii fudhachuun biyya keenya irraa ittisaa jirrsa jedhan.

Ministirri waraanaa Yuunaayitid Isteetisi Looyid Oostiin dilbata kaleessaa Yo’aav Galaant waliin bilbilaan dubbachuu isaanii kan ibse Peentaagan Israa’eel hojii ofirraa ittisuu taasiftuuf Yuunaayitid Isteetisi deeggarsa ishee itti fufti jedhaniiriu.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti qindessaan gargaarsa namoomaa UNOCHA’n ibsa isaa wiixata har’aa keessatti waraana waggaa tokko guute kana keessatti hojjettoonni isaa 300 ol Gaazaa keessatti ajjeefamuu ibseera.

Haleellaa gaafa Onkoloolessa 7, bara 2023 Hamaas Israa’eel irratti raawwateen namoonni 1,200 kan ajjeefaman yommuu ta’u kanneen 250 ta’animmoo ukkamfamanii fudhatamaniiru. Kanneen keessaas namoonni 100 harkuma Hamaas kan jiranii fi tokko sadaffaan isaanii akka ajjeefamaniranitti amanama.

Akka ragaa ministira fayyaa Gaazaa isa Hamaasiin hoogganamuutti haleellaa Israa’eel Gaazaatti taasiftuun hanga ammaatti lammiileen Paaleestiin 42,000 ta’an yommuu ajjeefaman kanneen 97,000 ta’animmoo madaa’aniiru. Warra keessaa loltoota meeqatu akka ajjeefamaniiran ministirri fayyaa kun hin gabaasne. Garuu irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’immanidha jedheera.

Forum

XS
SM
MD
LG