Xurree ittiin seenan

Breaking News

Joo Bayiden fi Uhuuruu Keeniyaataa marii taasisan


Prezidaantii Yunaayitid Isteetes Joo Bayiden fi Prezidaantii Keniyaa Uhuruu Keenyaataa
Prezidaantii Yunaayitid Isteetes Joo Bayiden fi Prezidaantii Keniyaa Uhuruu Keenyaataa

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetes joo Bayiden Prezidaantii keniyaa Uhuruu Keenyaataa wajjin Dhimma biyyoottan lamanii fi dhimaa nageenyaa fi tasgabbii gaanfa Afrikaa irratti marii taasisaniiru.

Prezdaant Bayiden erga tayitaa qabatanii as yeroo jalqabaatiif fuulleetti hogganaa biyya Afrikaa wajjin yemmuu wal argan Keniyaataan isa jalqabaati.

Tarsiimoon waliin ojjannoo Yunaayitid Isteets fi Keeniyaa barbaachisaadha kan jedha joo Baayiden ,lamman keenya yuu didhaawwanirratti xiyyeefachuun barbaachisaa t’uu isaa waan itti amannu natti fakkaata jedhaniiru.

Yunaayitid isteets talaallii kooviid 19 doozii dabalaata Afrikaadhaaf kennuu isheetiif prezidaant Uhuuruu keeniyaataa galateeffataniiru.

Keeniyaa qofaa ittuu hin ta’in Afrikaa hundaaf talaallii kennuudhaaf tarkaanfiin yunaaytid isteets fudhatte kan jajan Keniyaataan , Afrikaan karaa talaallii Koviid 19n adduunyaa irraa akka boodaatti hafte dubbataniiru.

Walgahii hoggantoota lammanii booddee ibsii waayit Haawus irra bahe akka jedhetti, gareen lamman , eegumsa demokiraasii fi mirga namooma, fooyya’insa nageenyaa fi tasgabbii naannoo, akkasumas karaa eegumsa qileensa naannootiin guddina diinagdee mirkaneessu fi fayyadama inerjii haaresamuu irratti marii taasisaniiru.

Akka ibsii waayit haawus dabalee jedhetti, dhimmaa fayinaansii adduunyaa irraatti iftoomin fi itti gaafatamummaan barbaachisaa ta’uu irraati jala muramee haasa’ameera.

Karaa biraatiins rakkin biyyoottan ollaa keeniyaa Itiyoophiyaa fi Somaliyaa keessa jiru karaa nagaadhaan akkaata hiikun danda’amu irratti hoggantoonni lamman marii taasisuu isaanii ibsi waayit haawus beekisiseera.

XS
SM
MD
LG