Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itti Aantuu Pireezidaantii Yunaaytid Isteets Haaris Filannoo Mo'amuun Booda Haasaa Taasisan


Itti Aantuu Pireezidaantii Yunaaytid Isteets fi kaadhimamtuu paartii Dimookiraatii Kaamila Haaris, Waashingitan Diisii, Sadaasa 7, 2024.
Itti Aantuu Pireezidaantii Yunaaytid Isteets fi kaadhimamtuu paartii Dimookiraatii Kaamila Haaris, Waashingitan Diisii, Sadaasa 7, 2024.

Itti Aantuu Pireezidaantii Yunaaytid Isteets Kaamilaa Haaris Roobii kaleessaa sa’aa booda Yuunivarsiitii Hawaardiitti deeggartoota ishee fi Uummata Ameerikaaf haasaa dhageesiifteen filannoo alanaatiin moo’amuu ishee ibsuun ba’ii filannichaa nan kabajaa, kunis duudhaa dimookiraasii Ameerikaa isa bu’uuraati jette. "Bakka kanatti argamuun haasaan dhageessisuu dhufe waa sadiif kan jette," Haariis, "amanamummaan keenya Pireezidaantiif ykn Paartiif miti , amanummaan keenya heera Yuunaayitid Isteetisiif. Amanamummaan keenya amantiifi qlbii kenyaaf. Filannoo kanaan moo’amuu koo nan amana."

Haaris Donaald Traampif bilbiluun baga gammaadde jechuu ishee ibsitee anngoo karaa nagaa dabarsanii akka kennanis himteetti.

Gareen duula nu filadhaa Pireezidaantii filannoo mo’aatee, Doonaaldi Tiraamp hoogganu, Haariis Tiraampiif bilbiluu mirkaneessuun Traamp ciminaa ishee fi ogummaa agarsiifteef dinqisiifachuun lamaan isaaniiyyuu haala biyyattiin tokko taatu irratti dubbachuu isaaniis eereera. Yeroo ammaa angoo pireezidaantummaa irra kan jiran Joo Baayideen kaadhimatoota lamaaniif waamicha taasisaaniiru, kunis ba’ii filannoo fi haala aangoo walitti dabarsanirratti ni dubbatus jedhameera.

Filannoo alanaatiin Doonaali Tiraampi sagalee ileektoraal kolleejjii 292 argachuun Pireezidaantummaaf yommuu injifatu , Haaris immoo sagalee Ileektooraal koolleejjii 224 argachuun moo’ateetti.

Forum

XS
SM
MD
LG