Koolu galtoonni kaaraa Liibyaa darbanii Awrooppaatti ce’uuf garba mediteraaniyaan ce’an hedduun isaanii biyyootii Afriikaa irraa akka ta’e irra deddeebi’uun gabaasamaa ture. Kanneen keessaa Itiyoopiyaa fi Ertraa irraa kanneen gamas seenan hedduu dha.
Baqataan gammoojjii sahaaraa keessatti qabamuu dhaan harka shiftootaatti kufe keessaa tokko lammii Oromoo ti. Liibiyaa keessa ta’uu keenya malee eessa akka jirru illee hin beeknu jedha
Baqattoonni kun namoota seeraan ala nama deddeebisan harkatti erga kufanii booda gama Awrooppaatti ce’uuf maallaqa humna isaanii olii gaafatamu. Maallaqa kana kanneen hin arganne kanneen birootti dabarfamanii gurguramuu dhaan kaanis beelaa fi kaan immoo galaanatti nam’anii balaaf saaxilamu.
Gama biraan Koolu galtoota Afriikaa gama awrooppaati yaa’an dhaabsisuu kan dandeessisu humnooonni daangaa Niger fi Liibyaa irratti akka bobba’an ministeeronni dhimma biyya keessaa kan Jarmanii gamtaa Awrooppaaf gaaffii dhiyeessanii jiran.
komiishina gamtaa Awrooppaaf xalayaa barreessaniin akka jedhanitti tattaaffiin hawaasi addunyaa hamma yoonaatti koolu galtoonni akka hin deddeebine godhe ga’aa miti jedhan. TM akka jedhetti waggaa kana koolu galtoota irra hedduun isaanii Afriikaa Uffee shaharaa gad irraa ta’an kanneen kuma 43 ta’antu Liibiyaa irraa ka’uu dhaan andaara galaana Awroopaa ga’an. Kanneen 1200 t’an immoo garba Mediteraaniyaan utuu qaxxaamuranii liqmfamanii du’an.
Jarmayaan koolu galtoota sadarkaa addunyaa IOM akka tilmaametti waggaa darbe qofaa koolu galtoota nuusa miliyoonaa ta’antu daangaa Liibyaa fi Niger qaxxaamuran. Gamtaan Awrooppaa koolu galtoonni jireenya isaanii balaaf saaxilanii galaana qaxxaamuruu akkasumas harka namoota seeraan ala nama hin deddeebisan harkatti akka hin kufne hamle buusuuf jecha Niger keessatti waaltaa kanneen dahata siyaasaa gaafatan akkaan keessatti qorataman shan tolchee jira.