Waraannii Ertraa kanneen Tigraay keessaa dhiyeenyatti ba’uuf kan jiran ta’u Tokkummaa Mootummootaatti jilli Itiyoophiyaa ibsanii jiru.Kanas kan jedhan angawaan sadarkaa olaanaa kan Tokkummaa Mootummootaa Kibxata kaleessaa looltoonni Ertraa nama beeleessuu akka meeshaa waraanaatti itti gargraaramu jechuun gola naga eegumsaatti eega himanii booda.
Kan aangoo isaanii gadhiisaa jiran Tokkummaa Mootummootaatti angawaan waa’ee gargaarsaa Maark Laawkook ibsa biyyoota miseensoota gola naga eegumsaa ta’an 15f kennaniin, hokkarri Tigraay keessaa dhaabachuu baannaan akkasumas waraanni Ertraa hin ba’an taanan beellii hamaan bara 1984 Tigaayiin mudatee ture ammas deebi’ee yoo dhufuu eenyu iyyu ajaa’ibsiifachuu hin qabu jedhan.
Humnaan gudeeddiin tooftaan gaggeeffamuu dubartootaa fi shamarran dararanii miidhuuf oolee jira.Looltonni Ertraa uummata beeleessuu akka meeshaa waraanaatti itti gargaaramaa jiru.Namoonni manaa fi qe’e ofii irraa buqqa’an ni hiidhamu, tumamuu akkasumas doorsiifamu jechuun Laawkook gola naga eegumsaatti himan jedhu Diploomaatonni walgahii sana irratti argaman.
Waajiira Tokkummaa Mootummootaa isa Magaala Neew Yoork keessa jiruutti ergamaan Ertraa jecha Laawkook kana irratti deebii hin laanne.Ertraan baatii Ebla darbee waraana ishee Tigraay keessaa baasuu jalqabuuf walii galuun ishee ni yaadatama.