Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Obboo Jawaarif Ammas Bellama Biraa Kenne


Jawaar Mohammad mana murtiitii yeroo bahu, Adoolessa 16, 2020
Jawaar Mohammad mana murtiitii yeroo bahu, Adoolessa 16, 2020

Hoggantootaa fi miseensota  paartii mormituu Kongresii Federaalaa Oromoo (KFO) ajjeechaa artiisti Haacaaluu Hudeessaa barii to’annaa jala oolfaman keessaa tooko an ta’an Obboo Jawaar Mohammad Roobii harraa, Adoolessa 29, 2020,  yeroo sadaffaaf mana murtiitti dhihaatan. 

Dhaddacha harraa irratti poolisiin hojii qorannoo hojjadhe jedhe mana murtiif dhiheessu an dubbatan garee abukaatoo Obboo Jawaarfaa keessaa Obboo Tuulii Baaiyisaa, poolisoonni yeroo kenname keessatti qorannaa isaanii xumuranii dhiheessuu qaban ture iyyata jedhu Abbaa Alangaaf dhieessuu isaanii ibsan.

Manni Murtii Obboo Jawaariif Ammas Bellama Biraa Kenne
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:59 0:00

Poolisin gama isaatiin yakki Obboo Jawaar ittiin shakkamanii himataman reeffa ugguruu, hogaantoota mootummaa ajjeesuuf yaaluu fi sabaaf sablamoota walitti buusuu waan ta'eef yakkawwan kun walxaxaa fi ballaa waan ta’aniff, yeroo qorannoo dabalataa guyyaa 14 gaafachuu dubbatan, Obboo Tuulin.

Obboo Jawaar Mohammad karaa isaanii, "himannan narratti baname himannaa yakkaa odoo in ta'in ka siyaasaati," jedhanii dhadacha irratti dubbachuu fi biyyattii keessatti nagaha buusuuf hojiiwwan hojjachaa turan akka fakkeenyatti kaasuus dubbatan, abukaatoo Tuulin.

Manni murtii yaada bitaa mirgaan dhihaate erga dhaggeeffatee booda, bellama itti aanuu gaafa Hagayya 8, 2020 ti qabuu abukaatoon Obbo jawaar himaniiru.

XS
SM
MD
LG