Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Itiyoophiyaa mirga wabii Ministeera Nagaa Mootummaa Duraanii, Obboo Taayyee Danda’aa yeroo biraatti dabarseera. Manni murtii dhimma kana yeroo biraatti dabarsuun isaa torban keessatti yeroo lammataati.
Roobii darbe Obboo Taayyeen mana murtii Finfinneetti argamutti dhiyaachuun mirgi wabii akka eeggamuuf gaafatee ture. Manni murtichaa murtii wabii isaa irratti kenname beeksisuuf Hagayya 29, 2016 beellama kenneera.
Obboo Taayyeen bara darbe ji'a Muddee keessa yaada muummicha ministeeraa Abiyyi Ahimad qeequun erga maxxansee booda to'annoo jala oole. Barreeffama kana hordofuun poolisiin Obbo taayyeen waltajjiiwwan miidiyaa hawaasaa fayyadamuun yaada biyya diiga jedhe fi farra nageenyaati jedhe baballisuu, qaamolee farra nagaa wajjin hojjechuu fi “qawwee seeraan alaa qabachuu,” dhaan shakkee to’annaa jala oolchuunsaa ni yaadatama.
Boodarra mana murtii olaanaa federaalaa Lidetaatti kan dhiyaatan Obbo Taayyeen, kanaanis manni murtii himannaa lamaan jalqabaa kuffisee kan sadaffoo himata 'meeshaa waraanaa seeraana ala qabattan' jedhu ofirraa akka faccisaniif Onkoloolessa dhufu akka dhiyaatan beellama qabee jira. Harra mirga wabii isaanii ilaalchisuun kan taaye dhaddachi mana murtii federaalaa Siddist Kiiloo, murtee kennuuf torbee dhufutti beellama qabatee jira, kunis torbee keessatti beellama lammataati.
Forum