Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeeronni G-7 London Keessatti Wal Ga’an 


Ministeerri dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken gitoota isaanii kan biyyoota G-7 waliin wal arguuf Londonitti argamu.

Marii sirnaa kan guyyoota sadii fi sana cina mariiwwan geggeessamaniin, dhimma weerara vaayiresii koronaa, Raashiyaa fi Chaayinaa ajendaawwan dhiyaatan ta’uu akka hin oolle ibsamee jira.

Kan dhiyeenya sagantaan niwkileraa isaanii qalbii hawate Iraanii fi kooriyaan kaabaa wixata galgala saganaa irbaataa irratti mata duree marii ta’uuf jiru.

Ministeerri kooriyaa kibbaa Chung Eui-yong, ennaa Biliinken waliin wal arganitti kooriyaa kaabaa ilaalchisee imaammata jiru xiinxaluun erga xumuramee booda Ameerikaa waliin gad fageenyaan mari’achuuf carraa kana argachuu kootti nan gammada jedhan.

Bulchiinsi Baaiden jimaata darbe akka beekietti biyyattii koministii taate Kooriyaa kaabaa ilaalchisee mari’achuuf banaa ta’uu isaa tarsiimoo jiru labsee jira.

Blinken gita isaanii ministeera dhimma alaa Jaappaan Toshimitsuu Moteegii waliin wal arganii, biyyoonni lamaan sagantaalee nukleraa fi dhuka’aa misaayilaa kan Kooriyaa kaabaa ilaalchisee yaaddoo qabaachuu dubbatanii, dhimma kana kooriyaa kibbaa waliin ta’uu dhaan fufruuf cicha qabna jedhan.

Blinken ka biroo ministeera Bruneey Dato Erywan Yusof, ministeera dhimmootii alaa Hindii Subraa-himan-yaam fi ministrii dhima alaa Briteen Dominic Raab waliin wixiata haraa wal argani mari’achuuf jiru.

Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis akka jedhetti wal ga’iin torban kanaa guddina dinagdee saffisuu, mirga namaa, wabii nyaataa, qixxummaa saalaa fi dubartootaa fi durboota dandeettii cimsuu mata dureewwan jedan irratti akka mari’atamuuf carraa ni kenna.

Briteenii fi UStti dabaluu dhaan wal ga’iin G-7 kun Kanaadaa, Ferensaay, Jarmanii, Xaaliyaanii fi Jaappan of keessaa qaba. Austiraaliyaa, Hindii, Afriikaa Kibbaa, Kooriyaa kibbaa Biruneeys kanneen marii sana irratti hirmaatan keessaa ti.

Wal ga’ii sana booda Bliinken, gama Yukireenitti imaluu dhaan prezidaant Volodymyr Zelensky fi angawoota mootummaa gameeyyii ka biroo waliin wal arguuf jiru.

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa Ned Price ibsa kennaniin, Bilinken haleellaa Raashiyaan geessisaa jirtuun wal qabatee, abbaa biyyummaa Yukireeniif Yunaayitid Isteetis deggersa isheen qabdu irra deebi’uun mirkaneessaniiru.

XS
SM
MD
LG