Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessatti Angawoonni Nageenyaa Namoota Jumlaan Hidhuu Akka Dhaaban Ameenistii Inteernaashinaal Waamicha Dhiyyeesse  


Asxaa Ameenistii Inteernaashinaal
Asxaa Ameenistii Inteernaashinaal

Dhabbanni mirga namoomaaf falmu, Ameenisti Inteernaashinaal, Fulbaana 28 bara 2024 irraa eegalee naannoo Amhaaraa keessatti Kaampiiwwan namoonni nagaan keessatti hidhamanii tursiifaman Afur keessa jiraachuu qorannoon geggeesseen argadheera jedha. Itiyoophiyaan dirqamoota mirgoota namoomaa biyyaaleessaa, naannoo fi kan idil addunyaa gara duubbaatti dhiisuun boqonnaa biraa keessa galtetti kan jedhe ibsichi Waggoota Shanan darban keessatti Jumulaan namoota nagaa hidhuun akka meeshaa siyaasaatti callisiisuuf kan itti fayyadamanii fi yeroo labsii yeroo muddamaa jalatti fayyadamus jedheera. Bakkoonni namoonni Jumulaan hidhaman Daangilaa, Sirebaa ykn Cilgaa , Corrisaa, kan Kombolchaa keessatti argamuu Shawaa Roobiit keessa akka jiranis eereera.

Namni Daangilaa keessatti hidhaa keessa turee dhiyyeenya ba’eeru Amaaniisti Inteernaashinaaliif akka himetti tilmaaman hidhamtoonni 1,610 ta’an akka turaniis innis dhiphachuu isaarraa kan ka’e angawoonni bakka hidhaa achuma Daangilaattii ijaaraa jiraachuu isaaniif himeera. Namoota nagaa jumlaan hidhuu kana keessatti Abbootiin seeraa mana murtittii sababa murtii kennanniif qofa hidhamu kan jedhe Ameenisti Inteernaashinaal waggaa darbe kana keessattis abbootiin seeraa 35 hidhamaniirus jedheera. Namoonni Jumulaan hidhaman kun mana murtiitti akka hin dhiyyanne, yommuu hidhamanis ajaja mana murtiitiin alatti akka hidhaman Ameenisti Inteernaashinaal naannoo Afiriikaa bahaa fi Arikaa kibbaatti Daariktaara kan ta’e Tiigeree Chaagutaah ibseera.

Gama mootummaa Itiyoophiyaa irraa dhimma kanarratti waanti jedhame jiraachuu baatus dhiyyeenya raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa fi bulchiinsi naannoo Amhaaraa waliin ta’uun ibsa kennaniin naannicha keessatti nageenya kabachiisuuf namoota humnoota hidhatan Faannoo waliin hidhata qaban to’annaa jala oolchu akka jalqabu ibsuun isa ani yaadatama.

Forum

XS
SM
MD
LG