WAASHINGITAN, DIISII —
Hidhamtoonni 1568 kanneen adaba hidhaa irratti muramee xumuruu hin dandeenye akkasumas dhukkuboota addaa addaa qabmanii vaayrasii Koronaaf saaxilamuu maluu kanneen jedhaman ogeessoota fayyaan eega adda baafamanii booda gadhiifamu.
Kana malees badii geesisaniif kanneen dhiifama gaafatan akkasumas jijjiramaa amalaa kannee agarsiisan kan hidhaa baafamuuf jiran ta;u ibsameera jechuun aangawonni dubbachuu Muluugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.