Prezidaantiin Nigeria Muhammadu Buhari gorsa wal’aansa fayyaaf imaltuu isaanii London hambisanii ijoollee durbaa Chibok 82 kanneen waggoota 3 dura Boko Harmiin iggitamanii gad dhiisaman waliin erga wal arganii booda kaleessa galrgala gara Londonitti qajeelanii jiran.
Ibsi dubbi himaa presidaantii Femi Adesina biraa ba’e akka jedhutti przidaantichi dilbata galgala deemuuf kan karoorfatan yoo ta’u ijoollee durbaa sana waliin wal arguuf imala isaanii yeroo hanga tokkoof tursan.
Hagamiif Londoniin akka turan kan murtaa’u doktora isaaniin ta’uu ibsi sun tuqee itti aanaan isaanii Yemi Osinbajo bakka isaanii bu’anii hoogganuu itti fufuu jedha. Burhaariin bitootessa keessa torbanneen torbaaf wal’aansaaf Londoniin erga turanii booda hojhiitti deebi’an. Dhukkubi isaanii maal akka ta’e garuu hin ibsine.