Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbati Sabaa Himaa Raashiyaa To’atu Oduuwwan VOA Irraa Darban Ugguruuf Dhaadate


Suuraa marsariitii VOA Afaan Raahsiyaa
Suuraa marsariitii VOA Afaan Raahsiyaa

Dhaabbati sabaa himaa Mooskoo to’atu roobii kaleessaa caasaa oduu Raashiyaa kan VOA kan ugguru ta’uu dhaadatee jira. Qaamni federaalaa ol aanaa Raashiyaa kan sabaa himaa to’atu kan Roskom-naadzoor jedhamu yaadachiisa VOAf ergeen, caasaan afaan Raashiyaa kan VOA, Mooskoon seeraan ala jecha jechu akka haquu ta’uu baannaan sa’aatilee 24 gidduutti ni uggurama jedhee jira.

Daayirikterittiin VOA kan yeroo Yolanda Lopez akka jedhanitti caasaan oduu kun ajaja dhaabbata sabaa himaa to’atu sanaa quba qaba, garuu itti walii hin galu jedhan.

Gaazixeessummaa sirrii fi amanamaa akkasiitu dhaggeeffattoonni keenya Raashiyaa keessaa VOA akka hordofaniif sababaa ta’e. Odeeffannoo walabaa jidduu seenuuf yaaliin ta’u kam iyyuu yaaddessaa ta’ee arginee jirra. Kanaaf, ajaji akkasii safuu hawaasaalee dimokraatawaa waliin kallattii dhaan faallaa dha jechuu dhaan Lopez ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Itti dabaluu dhaanis Lopez, uummati Raashiyaa uggura malee presii walabaa argachuu qabu. Kanaaf gaaffii Roskom-naadzoor simachuu hin dandeenyu jedhan.

Marsariitiiwwan VOA Raashiyaan Yukireeniin erga weerartee as booda kanneen Roskom-naadzoor-n ugguraman ykn akka adabaman itti dhaadatame hanga tokko keessaa ti. Qophiin guyyuu kan Radioi Free Europ/Radio fi Radioi Free Europ/Radio Liberty Liberty/ Crimea.Realities jedhamaniii fi VOA waliin ta’uun qophaa’uu dilbata darbe uggurame.

Radioi Free Europ/Radio Liberty fi VOAn caasaaleeo oduu uummata dilaala baasuun deggeramuu fi dhaabbata oduu Yunaayitid Isteetis kan sabaa himaa addunyaatiin hoogganamu.

VOA tajaajilli Afaan Raashiyaa TV sa’aatii 24 guyyaa torba darbuu fi caasa oduu dhaggeeffattoota Raashiyaa bakka sabaa himaan walabaa murtaa’aa ta’eef darbu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG