Loltoota Saawiz Suudan pireesdantii biyyatti Saalvaa Kiirii amanamoo ta’anii fi loltoota garee itti aanaa Pireesdaantii Riik Machaarii edduutti walitti bu’iinsii umamuu isaatiin dhukaasni meeshaa waraanaa gurguddaa magaala gudditti biyyatii Juubaatti dhagahamaa tureera.
Jeequmsa ka’e irratti amma kaleessaatti namoonnii 276 du’uu isaanii Raadiyoon biyyicha keessaa tamsaasu tokkogabaasuus, dubbii himaan Riik Machsar garuu nama 150tu du’e jedha.
Pireezdaantiin Kora Naga’a Egumsaa Mootummoota Gamtoomanii Kooro Beshon sambata kaleessaa akkataa jeequmsa Juubaatii ummaamee fala itti barbaadan irratti wajjira korichaa Niwyoorkitti argamuu ergaa dabarseen qaama nagaha eegumsaa mootummoota gamtoomanii Saawiz Suudan jiru keessaa lammin Chaayinaa tokko dudhaa fi lammiiwwaan Ruwaandaa bayyeen madahuu isaanii beeksiisuudhan hallii Suudaan Kibbaa haalaa atattamaan hiikoo barbaadu ta’uu isaa dubbate.
Ministirri Haajaaa allaa Yunaayitid Isteets haalla juba jirurraa ka’iudhan han gargaarsa attattamaa irratti hojjatanii achi ,hojjattoonii isaa hudii Imbaasii Jubaatii akka bahan ajejeera. Lammiiwaan Ameerikaas Saawiz Suudan dhaqurraa akka of qusatan akeekkachiisera wajjirri kun.
Dahabbileen adda addaa jeequmsi kun aka dhaabbatu gaafachaa jiraatanis, harraas,guyyaa shanaffadhaa dhukaasnii meeshaa waaraanaa gurguddaa magaala Juubaatti dhagahamuun isaa beekkameera.