Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Har’a Gumii Walii-galaa Ka Tokkummaa Mootummootaa Irratti Haasawa Dhageessisan


Prezidaantiin Yunaayitid Isteets, Doonaald Traamp, har’a, Gumii walii-galaa ka Tokkummaa Mootummootaa irratti haasawa dhageessisaniin, biyyoonni addunyaa walaba ta’aniif akka dammaqinsi guddaan barbaachisu waamicha gochuudhaan, akka hoogganoonni Addunyaa gamtaadhaan mootummoota hamoo kan Kooriyaa Kaabaa, Iraanii fi Venezuweelaa dura dhaabbatan gaafatanii jiran.

Yunaayitid Isteets, guutummaatti of irraa ittisuun yoo diraqama itti tahe, haleellaa Niyukilaraa yokaan Misaahelaa Kooriyaa Kaabaa irraa ofis tahe michoota ishee oolchuuf jecha, guutmmaatti Kooriyaa Kaabaa barbadeessuu dhaa ala, fala ka biraa hin qabdu” jedhan – Prezidaant Traamp.

Hoogganaa Koriyaa Kaabaa – Kim Jong Un-tiinis, “namichi Rookeetii sun, ergama of balleessuu fi mootumaa isaa balleessuutti jira” jechuun itti qoosan.

Iraaniin ennaa qeeqanis, hoogganoonni ishee, ol’aantummaa waraanaa barbaacha, biyya duurettii gara biyya dingdeen ishee manca’ee fi mootummaan ishee hammeenaytti bobba’e taasisan” – jedhan – Prezidaant Traamp.

XS
SM
MD
LG