WAASHINGITAN, DIISII —
Prezidaantiin Yunaayitid Isteets – Donaald Traamp, har’a, hoogganoota biyyoota Awurooppaa sadii – jechuun – ka Jarmanii, Faransaay fi xaaliyaanii waliin dubbachuu isaanii beeksisanii jiran.
Gara xumura torban kanaatti walga’ii biyyoota Addunyaa irratti duureyyii ta’anii G-20 jedhamuu fi biyya Jarmanii, magaalaa Hamburg keessatti geggeessamuuf imaluu isaanii dura, hoogganoota sadeen waliin dubbatan – Prezidaant Traamp.
Prezidaantichi -- dhaamsa Tiwiiteriidhaan har’a ganama dabarsaniin, Chaansleritti Jarmanii – Angelaa Merkel, Prezidaantii Faransaay – Emaanu’eel Maakroonii fi Muummichi-ministaraa – Paawuloo Jentiloonii waliin mariin geggeessan maalitti akka fuuleffatu waan eeran hin turre.