WASHINGTON, DC —
Kan dhuma torban darbee as waashington DC keessatti gaggeeffame Kora waggaa kan waldaa qorannoo Oromoo ykn OSA irratti keessumoota aferamanii Finfinnee irraa dhufuun itti hirmaatan keessaa tokko Aaddee Tsedale Lemmaa Gammachuu tokko turan. Aaddee Tsedaaleen hadha qabeenyaa fi gulaaltuu olaantuu kan barruu “ Addis Standard” ta’uun beekamu. Mormii Oromiyaa keessaatti baatilee hedduuf gaggeefaman barruu kana irratti maxxanfamaa kan turan ta’uus akka mormiin suun jalqabameetti gabaasuu jalqabuu dadhabuu isaaniif sababaalee turan hirmaatoota kora OSAf ibsaniiru.