Xurree ittiin seenan

Breaking News

UNHCR Murtee Keeniyaan buufata baqattootaarratti Kenniterratti Deebii kenne


Faayilii - Mooraa baqattootaa Kaakumaa
Faayilii - Mooraa baqattootaa Kaakumaa

Jaarmayaa mootummootaatti dhaabbati baqataa UNHCR murtee Keeniyaan buufata baqataa lameen cufuuf dabarsiterratti deebii kennee jira.

Dhaabbati baqataa gargaaru UNHCR murtee mootummaan keeniyaa Dadaab fi Kaakumaa cufuuf dabarse ilaalchisee fala waan jedhu ifa godhe.

UNHCR Murtee Keeniyaan buufata baqattootaarratti Kenniterratti Deebii kenne
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:56 0:00

Dhaabbatichi keeniyaan waggoota digdamman darban arjummaan baqattoota simachuusheef galateeffatee, murteen isheen dheengadda waan buufata baqataa cufuu dabarsitee garuu akka isa yaachise hime. Fatiyaa Abdallaa, bakka buutuun waajjira UNHCR ka damee Keeniyaa murteen fudhatamu kamuu baqattootaaf fala gaarii kan fidu tahuu mala jette.

UNHCR murtee kanaaf akka deebiitti qabxilee afur kaaye,

1. Baqattoota fedhaan gara biyya dhaloota isaaniitti deebisuun akka itti fufu,

2. Baqattoota gamtaa biyyoota afriikaa bahaatii dhufanii jiraniif eyyami jireenyaa akka kennamu,

3. Lammilee keeniyaa kuma kudha takkaa ol ta’an ka duraan akka baqataatti galmaa’anii jiraniif waraqaan eenyummeessaa akka kennamuufi

4. Warra gara biyya isaaniitti galuu hi ndandeenyeef carraan biyya sadaffaa haa kennamu kan jedhudha.

Kana malees dhaabbatichi murtee kana ilaalchisuun mootummaa Keeniyaa duuka marichuu akka itti fufus ibsa isaa keessatti eereera.

Kun kanaan osoo jiruu murteen mootummaan Keeniyaa Bitootessa 24 irratti kaampilee baqataa kana laaman cufuuf dabarse manni murtii olaanaa Keeniyaa ji’a tokkoof akka kufu murteesseera. Manni murtichaa murtee kana ka kenne erga dorgomaan pirezdentii biyyattii duraanii Piiter Gichiiraa ol iyyannoo galchaniin yoo tahu, murteen mootummaa kunis ji’a tokkoof raawwiinsaa turfamuutu ifoomsame.

UNHCR ammas buufataalee baqataa Keeniyaa Dadaab fi Kaakumaa keessa baqattoota kuma dhibba afurii fi kuma soddomaa oltu jiraatuu jedha.

XS
SM
MD
LG