Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahiin ministeerota dhimmi alaa biyyoottan Afrikaa raawate


Walgahiin ministeerota dhimmaa alaa biyyoottan Afrikaa marsaa 39faan dhimmoottan marii irratti taasise keessaa, dhimmi baajata gamtaa Afrikaa, Kooviid 19 fi fooyya’insii caasaa gamtaa Afrikaa ijoo akka ture gabaasameera.

Karaa biraatiins dhimmi wabii midhaan nyaataa Afrikaa akka ijoo biraa ture kan ibsee gabbaasinii Kenedii Abaatee, dhimmi kaaba Itiyoophiyaa cufaadhaa irratti maryatamuu isaa dubbi himaa ministeera dhimma alaa Itiyiiphiyaa Itiyoophiyaa Diinaa Muftii waabeffachuudhaan ibseera.

Gamtaan Afrikaa bajata isaa gargaarsa biyyoottan braa irraa eeguun waan birmadummaa dhaan walqabatuu ta’eef Afrikaan of baajata mataa isheetiin danda’uu akka qabdu hubachiiseera.

Walgaahiin Gamtaa Afrikaa inii baraa 2022ti taasifamu qajeelfama Nyaataa madaalawaa fi Wabii Midhaan nyaataa Mirkaneessuu kan jedhu akka ta’u walgahiin kun murteessuudhaa xumuramuun isaa gabaasameera.

XS
SM
MD
LG