Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waloo fi Barreessaa Rakkataa Beela’e Nyaachisuutti Bobba’e   


Abdii Geetaachoo, dargaggoo Jimmaa fi naannoo isheetti hojii tola ooltumma adda addaa hojjatu
Abdii Geetaachoo, dargaggoo Jimmaa fi naannoo isheetti hojii tola ooltumma adda addaa hojjatu

“Garaan beela’e wal qixa waan taheef, osoo amantaa hin qoodin, nama beela’e hunda nyaachisna” jedha, Dargaggoon Magaalaa Jimmaafi naannoo isheetti, namoota Soomarra jiran sooma hiiksisuufi kanneen beela’an nyaachisuurratti bobba’e, Abdii Geetaachoo.

Abdiin hiriyoota isaa waliin tahuun Maallaqa ittiin Namoota irbaata nyaachisu, gama Miidiyaa Hawaasummaan akka walitti qabuufi hojii tolaa kanaaf oolchu dubbata. Hanga ammaattillee Namoota Kuma lamaa ol irbaata nyaachisuufi namoota 10 caalaniif ammoo haala hojii mijeessuu dubbatee jira.

Dargaggootni Miidiyaa Hawaasummaa Hojii gaariif itti fayyadamuun, hawaasa isaanii tajaajiluu danda’ullee jedheera.

Waloo fi Barreessaa Rakkataa Beela’e Nyaachisuutti Bobba’e
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:13 0:00


XS
SM
MD
LG