Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Sudaan Magaalaa Guddoo Biyyattii Irratti Samii Irraan Haleellaa Geggeesse


Yeroo walitti bu'iinsa Humnoota Raappiid Foorsi fi waraana biyyattii eduutti Kaartuum keessatti deemaa jirutti aarra guddaa mullatu, Kaartuum, Sudaan, Fulb. 26, 2024.
Yeroo walitti bu'iinsa Humnoota Raappiid Foorsi fi waraana biyyattii eduutti Kaartuum keessatti deemaa jirutti aarra guddaa mullatu, Kaartuum, Sudaan, Fulb. 26, 2024.

Waraanni Sudaan ennaa qabiyyee humnootii addaa kan magaalaa guddoo biyyattii haleeletti, haleellaan qilleensaa irraan geggeessameef fi dhukaasni Kamisa har’aa Kaartuumiin raasee jira jechuu dhaan kanneen ijaan argan dhaabbata oduu AFPtti himaniiru. Walitti bu’iinsi kun barii har’aa kan jalqabe ta’uu jiraattonni hedduun gabaasanii, haleellaa guddaa waraanni kun ji’oota muraasa booda kutaalee magaalaa guddoo humnoota RSF mormituu isaan to’ataman deebisee qabachuuf geggeesse fakkaata jedhan.

Kun kan dhaga’am ennaa Sudaan gumii walii galaa kan Tokkummaa Mootummootaa torban kana Niiw Yoorkitti gaggeeffamu irratti ajandaa ol’aanaa ta’etti. Marii kana cinaatti barreessaa dureen Tokkummaa Mootummoota Antooniyoo Guterees hogganaa raayyaa waraanaa Sudaan Abdel-Fattah al-Burhanitti waa'ee walitti bu'iinsi Sudaan keessatti hammaataa dhufuu ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru jechuun Tokkummaan mootummoota Roobii kaleessaa ibseera.

Humnoonni waraana Sudaan Kaartuum keessa milishaa finciltootaa irratti lola cimaa geggeessaa turan jechuun maddi waraana Sudaan RSF eeruun AFPtti himeera. Maddi miidiyaaleetti dubbachuuf hayyama waan hin qabneef maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan, humnoonni waraanaa riqicha ijoo sadii laga kan Naayil irraa qaxxaamuruu isaanii ibsaniiru. Kunis kutaalee magaalaa guddoo raayyaan ittisa biyyaa to’ate kan RSF jala jiru kan addaan baasu dha.

Ebla bara 2023 erga waraanni Humnoota Waraanaa Sudaan Burhaan fi itti aanaa isaanii duraanii ajajaa RSF Mohaamed Hamdaan Dagaloo gidduutti ka’ee kaasee, waraanni RSF waraana biyyattii hanga Kaartuum keessaa ba’utti jechuun hanga danda’amutti geesse. Haleellaa guddaa isa dhumaa Guraandhala keessa raawwate hordofuun, waraanni Sudaan, magaalaa guddoo biyyattii lamaan laga kana irraa xiqqoo fagaattee fi kutaa Kaartuumi fi magaalaa guddoo ka biroio Omdurmaan harka caalu deebisee to’ate.

Forum

XS
SM
MD
LG