Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaa'ii Biyyoolessaa Dimookiraatotaa Guyyaa Lammaffaa


Yaa'ii Biyyoolessaa Dimookiraatotaa Guyyaa Lammaffaa, Chikaagoo, hagayya 20, 2024.
Yaa'ii Biyyoolessaa Dimookiraatotaa Guyyaa Lammaffaa, Chikaagoo, hagayya 20, 2024.

Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis duraanii Baaraak Obaamaa yaa’ii biyyoolessaa ka Dimookiraatotaa Kibxata har’aa Chikaagootti gaggeeffame irratti haasaa ijoo ka dhageesisan turan. Obaamaan bara 2009-2017 gidduu Yeroo jiru waggoota saddeetiif itti aanaa pirezidaantii isaanii kan turan pirezidaantii Joo Baayideniif kabaja kennaniiru. Seenaan jehan Obaamaan, Joo Baayiden pirezidaantii adda ta’uu isaanii fi yeroo balaa guhamaan turetti dimokiraasii ittisa ta’uu isaanii ni yaadata.

Obaamaan filannoon baatii Sadaasaa keessa gaggeeffamuuf jiru dorgommii cimaa ta’uuf akka jiru tilmaamaniiru. Muuxannoo abbaa alangaa isaanii kaasuu dhaan illee Obaamaan “Kamalaa Haaris hojii kanaaf qophiidha” jedhan.

“Eeyyee ni dandeessi,” jedhan prezidaantichi Ameerikaa 44ffaa Obaamaan, dhaadannoo yeroo duula filannoo isaanii kan bara 2008 eeruu dhaan.

Obamaan kan gara waltajjiitti simataman, haadha warraa isaanii fi Giiftii Duree duraanii Misheel Obaamaa kan isaan dura dubbataniin ture. Misheel Obaamaa Kamiilaa Haarisiin jajuu dhaan haasaa nama kakaasu dhageessisan.

Haasaa isaaniitiinis "Namoota gahumsa qaban keessaa tokko yoo taatu, waajjirri pirezidaantummaa maluuf keessaa tokko jedhanii, namoota kabajamoo ta'an keessaa ishee tokko ittiin jedhan. Ameerikaan Kamiil Hariis fi Tim Wooltsiin akka filatu gaafataniiru. ''Yeroon kun yeroo itti waan qalbii keenya keessatti sirrii dha jennee dhaabnuuf yeroo itti dhaabbannu dha,'' jedhan.

Haaris Kamisa dhufu yaa’iicha irratti haasawa dhageessisuuf jiru.

Forum

XS
SM
MD
LG