Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaa'ii Dimookiraatotaa Guyyaa 3ffaa, Haasaa Biil Kiliinten


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis duraanii Biil Kiliinten Yaa'ii Biyoolessaa Dimookiraatota irratti, Chikaagoo, Hagayya 21, 2024.
Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis duraanii Biil Kiliinten Yaa'ii Biyoolessaa Dimookiraatota irratti, Chikaagoo, Hagayya 21, 2024.

Amajjii 6, bara 2021 ennaa deggertoonni prezidaantii duraanii Doonaald Tiraamp biilsa mana maree bakka bu’ootaa weerran jeeqama uumame ilaalchisuu dhaan yaa’iin dimokraatotaa kan Roobii har’aa Doonaald Tiraamp irratti fuulefftee jira. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’ota uummataa duraanii Naansii Peloosii, Amajjiin 6 Dimokraasii keenyaaf yeroo balaa guddaa qabu ture jedhan. “ Amajjii 6 eenyu akka Dimokraasii keenya miidhe hin dagannu” jechuun Tiraampiin eeruu dhaan mul’inatti dubbatan.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis duraanii Biil Kiliinten halkan sadaffaa yaa’ii biyyoolessaa kan dimokraatotaa irratti, prezidaant Joo Baayidenii fi hooggana isaanii ennaa weerara Koovid-19 galateeffataniiru. “Dhukkubsataa keenya fayyisanii kan hafne immoo gara hojiitti nu deebisan” jedhan.

“Yukreeniif dhaabbatan, Giddu Galeessaa Bahaa keessatti dhukaasa dhaabuuf akkaan yaalaa jiru.” Jedhan. Kiliinten, Baayiden marsaa lammaffaaf dorgomuu fedha ofiin dhiisuu dhaan Kaamilaa Hariisiif guca “Ija jabina, gara laafina, tajaajila, gita isaaf isa galateeffachuun barbaada,” jechuun Kilinton waa’ee Baayiden dubbataniiru. Kiliintern itti dabaluu dhaan Haaris mirga filannoo nama maraa ni eegdi jedhan.

Dimookiraatonni waalii mormitoota isaanii ilaalchisee armalee ofitti amanamummaan itti dhaga’amee xiqqeessanii ilaaluu akka hin qabne akeekkachiiseera. ‘'Kun hojii akka malee cimaa dha'' jedhan. 'Kamala Harris, pirezidaantiin gammachuu, akka nu hooggantu barbaanna’ jedhan Kiliinten.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG