Soddaan prezidaant Traamp Jareed Kushner prezidaant Traamp aangootti utuu hin dhufin dura Raashiyaa waliin icitii dhaan hariiroo uummachuuf mala ittiin danda’u uumuun karaa itti danda’amu Raashiyaa waliin mari’ataniiru oduu jedhu ilaalchisee White House deebii kennuu irraa of qusatee jira.
Dubbi himaan White House Sean Spicer gabaasa sana kan dhugaa miti jechuu irraan kan hafe mirkaneessuus ta’e haaluu irraa of qusataniiru.
Gaaffiin keessan kan inni irratti hundaa’e ragaan tokko iyyuu kan hin argamneef madda oduu maalummaan isaa hin beekamne biraa miliqee ba’e irratti jedhan.
Oduun waa’ee Kushner kan dhaga’ame yeroo daawwannaa Prezidaant Traamp jalqabaa kan isaan misensonni NATO hojii ittisaa ilaalchisee maallaqa ga’aa hin baafne jechuu dhaan qeeqanitti.
Haasaan akkasii Chaansilerittii Jarmanii Angelaa Merkel dabalatee hoogganoota Awrooppaa hedduu yaaddessee jira.
Yeroo nuti guutummaan warra kaan irratti amantaa guutuu gatnu dhumateera jechuun Angela Merkel torban kana ibsanii jiru.
Akka jecha Merkelitti Jarmaniin United Statesiin akka michuutti yeroo iseen itti ilaaltu dhumachuu isaa mul’isa yaada jedhu uumee jira. White House garuu akka injifannoo gochuun dhiyeese.
Dubbi himaan White House Sean spicer akka jedhanitti kan prezidaantichi gaafatanis kanuma, innis ba’aa jiru qooddachuun akka jiraatu kan isaan gaafatan jedhan.
White House keessatti aangootti fiduu fi aangoo irraa buusuun ennaa dhufu isaaniif hojjettoonni kutaa quunnamtii uummataa kaan aangoo irraa bu’uu malu oduu jedhuu Spiseer deebii kennaniin jijjiiramni yoo jiraatu dubbachuu kan danda’an prezidaaticha qofa jedhan.
Spiser miidiyaa waliin hariiroo falmisiisaa qabu. Prezidaanti Traamp ilaalchisee gabaasa gaazexeessonni dhiyeessan illee yeroo hedduu ni qeequ.