Miseensonni Mana-maree Yunaayitid Isteets Hariiroo Raashiyaa Laalchisee Ilma Prezidaant Traamp Irra Ibsa Akka Barbaadan Beeksisan

  • VOA

Miseensonni Mana-maree Yunaayitid Isteets ijoon, waa’ee Raashiyaan dhimma filannoo Yunaayitid Isteets keessa harka galfachuu qorataa jiran – ilmi prezidaantichaa, Donaald Traamp Juuniyeer, magaalaa Niyoork keessatti ogeessa seeraa Raashiyaa, odeeffannoo duula filannoo Dimookiraatittii Hilarii Kilinten miidhuu malu harkaa qaba – jedhame wajjiin wal walga’uu isaanii ilaalchisee akka ibsa kennan ka fedhan ta’uu beeksisan.

“Duulli filannoo Traamp Raashiyaa waliin shiruuf kaka’umsi inni qabaatee ture kan sammuu namaa jeequ” – Mana-mareetti, hooggantuun garee sab-xiqqaa Dimookiraatotaa.

Ilma anga Prezidaant Traamp kama malees, kan umuriin isaanii waggaa soddomii ja’aa – soddaan Prezidaantichaa – Jaared Kushiner, akkasuma, gurumuu qorattoota kana duratti dhugaa ba’uuf jiran.